Komishiiniin Turizimii Oromiyaa waggoota shanan dhufanitti galii birrii Biiliyoona 5 argachuuf hojjechaa jira.

157

Amajji, 19/2014(TOI) - Komishiiniin Turizimii Oromiyaa waggoota shanan dhufanitti galii birrii Biiliyoona 5 argachuuf hojjechaa jira.Komishiinichi waggoota kana keessaatti carraa hojiis namoota 500 uumuuf kan hojjetu ta'uu beeksiseera.

Komishiineerri Komishiinii turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti, Komishiinichi kan hundaa'e dhihoodha.Naannichatti waantoota hawata turizimii ta'aniitti fayyadamuufis hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Komishiinichii ''Oromiyaa daawwadhaa'' mata duree jedhuun qabeenya hawaata turizimii naannichatti argamu beeksisuun dinagdee biyyaa keessaatti shoora isaa akka bahuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hojii isaa kanaanis sochii turizimii sababa Vaayirasii Koroonaa fi rakkoo nageenyaan laafe diibisaanii bayyanaciisuun dinagdee biyyaa keessaatti qooda wayyabaa akka qabaatu gochuuf gahee irraa eegamuu bahaa jiraachuu adde Laliseen himaniiru.

Waggoota shanan dhufanitti damee kanaan galii birrii biiliyoona 5 argachuuf karoorfamuus himaniiru.

Aadde Laliseen akka himanittii, dameen hojii turizimii kan carraa hojii hedduu uumuu danda'udha.

Baatiiwwan 18 darbaniitti dhaabbilee daawwachiiftootaa 22 hundeessuun gara hojiitti akka galan taasifameera.

Waggoota shanan dhufanitti immoo kallattiin turizimiirraa fayyadamoo kan ta'aan carraa hojii namoota 5000 uumuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Aadde Laliseen ''Oromiyaa daawwadhaa' yeroo jennuu namoonni tokko tokko dhimma nageenyaa kaasu.

Kanaaf tursitoonni yaaddoo tokko malee akka socho'aniif xiyyeeffannoo kenninee hojjechaa jirras jedhaniiru.

Kanaafis Poolisii turizimii hundeessuun Biiroo aadaafi turizimii Oromiyaafi dhaabbilee federaalaa waliinis hidhata uumuun hojii jalqabuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015