Fayadamummaa dinagdee fi hawaasumaa Horsiise bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

76

Amajji, 17/2014(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saayilewariq Zawudee Fayadamummaa dinagdee fi hawaasumaa Horsiise bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Pireezidaant Saayilewariq Zawudee kana kan dubbataan guyyaa Horsiise bulaa yeroo 18ffaaf Adaamaatti kabajamaa jiru irrattidha.

Itoophiyaan yeroo kamiyyuu qormaanni cimaa akkasii mudatee yeroo hin beekaneetti ayyaanichi kan kabajamu ta'uun adda akka godhu dubbataniiru.

Fayyadamumaa Horsiise bulaa gama dinagdeefi hawaasumaan mirkaneesuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kanaafis mootummaan Horsiise Bulaaf xiyyeeffannoo kennuun imaammatoota Horsiise Bulaa fayyadamaa taasisu baasuu dabalatee Minsteerri Jallisiifi naannolee gammoojji akka hundaa'u taasisuu himaniiru.

Hawaasni qonnaan bulaa wabii nyaatan akka of danda'u bu'uraalee misoomaa akka Daandii, Telekominikeeshinii,Gejibaa qilleensaafi kanneen biroo diriirsaa jiraachus himaniiru.

Gama birootiin naannoo Oromiyaa, Somaaleefi Kibbaatti hongee uumame jiru ittisuuf hirmaannaa hundaa akka barbaachisu himaniiru.

Ministirri Jallisiifi naannolee gammoojjii injineer Ayishaa Mahaamad gama isaaniin akka jedhanitti, jijjiirama biyyatiitti dhufe hordofee Mootummaan misooma horsiise bulaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.

Fedhii misoomaa naannichi qabu guutuufis gara hojiitti galamuu himaniiru.

Naannolee horsiise bulaan jirutti yeroo baay'ee irra deddeebiin hongeen ni mudata.

Rakkoo kana salphiisuuf misoomani bishaan lafa jalaafi sululuawwaanii cimee itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Guyyaan ayyaana Horsiise Bulaa kun kan 19ffaa naannoo Affaaritti kabajama jedhameera.Itti aanaan Pireezidaantii naannoo Affaar obbo Eleboo Abubakaar sirna kana qopheessuuf Pireezidantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaarraa fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015