Itoophiyaa, Jibutii, fi Ruusiyaan foramii daldaala geggeessan.

115

Amajji, 17/2014(TOI) - Ruusiyaa, Itoophiyaa fi Jibutiin kaleessa Mooskootti foramii daldalaa geggeeffatan.

Foramicha kan qopheesse Koree walitti hidhamiinsa dinagdee si'eesuu fi Waldaalee daldalaafi indaastirii Ruusiyaati.

Foramii kanarratti bakka buutoonni.ministeeraa daldalaa fi indaastirii biyyoota sadanii, waldalee daldalaa fi damee kanarratti hojjetan akkasuma Ruusiyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Alamaayyoo Taganuu argamaniiru.

Komishiiniin Investimentii Itoophiyaa, Waldaalee daldalaa fi dameeleesaa, Bakka buutonni Waldaalee Bunaa fi Shaayee beekmsaa fi muuxannoo isaanii foramii kanarratti dhiheessaniiru.

Kayyoon Foramichaas dhaabbilee daldalaa xixiqqaafi jiddugaleessaa haalota mijatoo hojii inveestimentii Itoophiyaa fi Jibutiin qaban irratti hubannoo kennuudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015