''Hongeen Godina Booranaatti mudate lubbuu naaf yaaddoo ta'eera.''

150

Amajji,16/2014(TOI) - Horsiisee bultoonni Godina Booranaa hongeen godinichatti mudatee jiru beelladootarraan miidhaa cimaa geesisuun cinaatti lubbuu namaafiyyuu yaaddoo cimaa nutti ta'eera jedhan.

Haga ammaatti deeggarsii taasifameef balaa hongeen kun geesiseen kan wal madaaluu waan hin taaneef mootummaa fi uummanni deeggarsa dabalataa akka taasisuuf gaafataniiru.

Godina Booraa aanaa Taltalleetti gandoota adda addaatti argamuun horsiifate bultoonnii Ripportarri TOI dubbise akka himanitti sababa hongee bu'een beelladoonni akka horii gaafaa Ro'oonnii, Holonnii fi Gaallii heduun jalaa du'uu himaniiru.

Naannichaatti ji'a sagalii oliif bokkaan osoo hin roobiin jira. Sababa kanaan rakkoon hangina nyaata beelladaa uumameera.

Ammaas beelladoonni hongee kanarraa hafanii lubbuun jiran rakkoo cimaa keessa jiru jedhaniiru.

Horisiifatee bultoonni kunneen akka himanitti kanaan duras naannichatti hongeen yeroo baay'ee ni jira.

Kan bara kanaa garuu kan kanaan dura barame caalaa hongee haalaan cimaadha jedhaniiru.

Jiruufi jireenyii isaanii beellada irratti kan hundaa'edha. Beelladoonni isaanii heduun immoo jalaa dhumaniiru.

Kun immoo gara fuula duraattis rakkoo cimaaf akka isaan saaxiluu danda'u yaaddoo qaban himaniiru.

Horsiiifate bultoonni kuneen akka himanitti sababa hongee kanaan nama beellannii isaa 30 caalaan jalaa du'anitu jira.

Amma hongeen kun beellada birayyuu darbee lubbuu namaafiyyuu yaaddoo guddaa ta'uu himaniru.

Deeggarsi kanaan dura Horsiifate bultoota kanaaf taasifamee baay'iina hosiifate bultoota jiraniin yoo madaalamu gahaa mitis jedhaniiru.

Rakkoo jiru kana salphisuuf ammaas mootummaa fi kanneen dhimmi ilaallatu deeggarsa barbaachisa akka taasisuuf gaafataniiru.

Itti aanaan bulchaa aanaa Taltallee obbo Abduubaa Konsoo akka himanitti aanichatti akka bara kanaatti hongeen akkas cimaan mudatee hin beeku.

Aanichatti bokkaan Gannaa fi Hagayyaa keessa roobuu qabu osoo hin roobiin hafuun hongichi akka baay'ee cimuuf sababa ta'uu himaniiru.

Weerarri hoomaa Awwaannisa Aanichatti mudatee tures hongeen kun caalaatti akka hammaatu taasisuu himaniiru.

Sababa Hongee kanaan haga ammaatti aanichatti beellanni gaafaa kuma 14 du'uus himaniiru.

Kanneen kuma 27 caalaan immoo yeroo ammaa kana du'aafi jireenya jidduu jiraachuu obbo Abduubaa Konsoo himaniiru.

Mootummaan kanaan dura gargaarsa adda addaa taasisaa ture. Ta'us garuu deeggarsi kun hangaan xiqqaa waan ta'eef gandoota hundaa wal geenye jedhaniiru.

Torba darbee kana bokkaan yandoon waan roobeef Beelladootaa hongeen duraan laaffisee ture hedduu ajjeesuus himaniiru.

Horsiifate bultoonni bokkaa roobe kanarraa bishaan cimmisuun beelladoota hongeen jalaa miidhe lubbuun habisuuf yaalaa akka jira Rippoorterri Tajaajila Oduu Itoophiyaa bakkichatti argame hubateera.

Aanaan Taltallee magaalaa guddittii Godina Booranaa Yaa'a bal'oo irraa km 100 fagaatee argama.

Magaalaan Yaa'a bal'oo immoo magaalaa Finfinneerraa km 564 fagaatee argama.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015