MM Abiy Ahimad, Itti aanaa Preezdaantii Mana Maree Ce'umsaa Birmadummaa Sudaan Jeneraal Mahaammad Umdaan Daagaaloon baga nagaan gara Itoophiyaa dhufte jedhan

59

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (TOI) - Ministirri Mummee FDRI doktar Abiy Ahimad Itti aanaa Pireezdaantii Mana Maree Ce'umsaa Birmadummaa Sudaan Jeneraal Mahaammad Umdaan Daagaaloon baga nagaan gara Itoophiyaa dhufte jedhaniiru.

Doktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa hariiroo seenaa qabeessa ummattoota biyyoota lamaanii dinqisiifataniiru.

Itti aanaa Pireezdaantii Mana Maree Ce'umsaa Birmadummaa Sudaan Jeneraal Mahaammad Umdaan Daagaaloon har'a Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Turtii isaaniin hariiroo biyyoota lamaanirratti hoggantoota mootummaa olaanoo waliin ni mari'atuun eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015