Mareen biyyaalessaa dhimmoota bu’uurarraatti waliigaltee biyyaalessaa uuma -Pireezidaanit Saahilawarq Zawudee

56

Amajjii 13/2014 (TOI) – Pireezidaantiin FDRI Saahilaawariq Zawudee Mareen biyyaalessaa dhimmoota bu’uurarraatti waliigaltee biyyaalessaa kan uumudha jedhama.

Pireezdaant Saahilawarq akkaataa Heera Mootummaa biyyattiin Labsii Hundeeffama Komishinii Maree Biyyaalessaa mallatteessuun kan yaadatamuudha.

Mallatteessuun itti gaafatamummaa koo ta’us mariin dhugaa hunda hammate furtuu ta’uu fi bu’aa qabaachuu isaa amaneera jedhan Pireezdaanit Saahilawariq.

Mariin akka kanaa dhimmoota bu’uura biyyaarratti waliigalteen biyyaaleessaa akka uumamu ni gargaara jedhan.

Yaada dirqamaan namarratti fe’uun waraana kaasa, ummataa fi biyya balaarra buusa, waliin mari’achuun, waldhaggeeffachuu fi walkabajuun aadaa haaraa uuma, biyyaaf illee faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Komishinaroota Maree kan dursan ilaalchisee eeruun laatamaa kan ture yoo ta’u, adeemsi eeruu laachuu guyyaa har’aa ni xumurama.
Pireezdaant Saahilawariq eeruu laatame keessatti lakkoofsi durbartootaa xiqqaa ta’uu danda’a jechuun sodaa qabaachuu eeraniiru.

Durbatoonni eeruu laachuu qabu, waraanni gaggeeffame adda durummaan kan miidhe dubartoota jechuun eeraniiru.

Dubartoonni buufata qubannaa Dassee fi Maqalee keessa jiran dubbises fuulli isaanii kanuma mirkaneessa.

Miidhaanni waraanni dubartoorraan qaqqabsiise ammallee dabalataan muul’achuu danda’a jedhan.

Dubartooni miidhamoo qofa osoo hin taane qaama furmaataa ta’uu isaanii hubatamuu qaba jedhan Preezdaant Saahilawarq.

Komishinaroota maricha hogganan keessa dubartoonni jiraachuun itti gaafatamummaa waliigalaa dabalataan dubartootaf ammoo sagalee ta’uu jedhan.

Yeroo muraasa hafe kana keessatti hawaasni dubartoota ulaagaa guutan eeruu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015