Wixinee labsii fooyya’iinsa soorama hojjettootaarratti mari’atame

675

Amajji, 9/2014(TOI) - Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, bajataafi Faayinaansii qaamolee dhimmamtoota waliin ta’uun wixinee labsii fooyya’iinsa soorama hojjettoota mootummaafi dhuunfaarratti mari’ataniiru.

Wixinee labsiiwwan fooyya’iinsa soorama lamaan irraattiyyuu galii sooramaa walitti qabuu, yeroo dabalataa sooramaa, haftee fandiiwwan sooramaa filannoowwan invastimantii irra oolchuuf, ragaa bara dhalootaa dhimmota ijoo biroo irratti fooyya'insi dhiyaateera.

Qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa tilmaama keessa galchuun yeroo daballii sooramaa waggaa 5 irraa gara 3tti gadi buusuuf akkasumas hojjettoonni soorama bahan fayyadamoo tajaajila fayyaafi miidhama hojjirraa ilaalchisuun fooyya’iinsi akka taasifaman gaaffiileen dhiyaataniiru.

Gaaffilee dhiyaataniif hoggantoonni Ejansii Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Dhuunfaafi Ejansii Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Mootummaa waliin ta’uun deebii kennuusaanii OBN Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa wabeeffachuun gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015