"Hawaasa kutaalee sadarkaa biyyaa bakka adda addaatti sababa hongeen miidhaniif argarsaa barbaachisu ittiin gahuun xiyyeffannoon hojjetamu qaba"

57

Amajjii 06/2014(TOI) - Hawaasa kutaalee sadarkaa biyyaa bakka adda addaatti sababa hongeen miidhaniif argarsaa barbaachisu ittiin gahuun xiyyeffannoon hojjetamu akka qabu Itti aanaan Ministira Muummee FDRI fi Ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa mokonnin hubachiisan.

Waliitti Qabaan Koree Ittisa Balaafi Qophaa’umma Biyyaaleessaa, kan ta'an obbo Dammaqaa Mokonnin, kallatti Koreen Biyyaaleessaa baasen dhiyeessiin gargaarsa ariifachiisaafi raabsaa ilaalchisuun rakkoolee muudatan furuun, deebiin deeggarsa kanaa inni xumuraa fayyadamtoota kan giddugaleeffate ta’uu qaba jedhan.

Biyyattiin balaa uumamaafi nam-tolche ishii muudate dandamachuun akka ceetuuf, deeggarsi diyaaspooraan taasiseef obbo Dammaqaa galateeffataniiru.

Komishiniin Komishinara Ittisa Balaafi Qophaa’umma Biyyaaleessaa obbo Mitikkuu Kaasaa bu’uura murtee korichi dabarsuufi kallattii kaahun hojiileeen deebiifi deeggarsa kennuu eegalaman hojiirraa oolaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015