''Guddinni sadarkaa fi badhaasinni miseensota Raayyichaaf kenname uummata raayyichaaf dahoo ta'uun gahee guddaa baheef beekamtii kan kennedha''

57

Finfinnee, Amajji, 04/2014(TOI) - Guddinni sadarkaa fi badhaasinni miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaaf kenname uummata Raayyichaaf dahoo ta'uun gahee guddaa baheef beekamtii kan kennedha jedhan Shuumii Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa.

Qaamoleen dahoo birmadummaa biyyaa isa dhumaa kan ta'e Raayyaa ittisa biyyaa ilaalichisee holola sobaa oofaan gochaa isaanirra akka of qusatan akeekkachiisaniiru.

Fiildi Marshaal Biraanuu Juulaa turtii TOI waliin taasisaniin Raayyaan ittisa biyyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta'uun sarbama birmadummaa biyyaa Itoophiyaa mudachuuf ture hambisuun seenaa boonsaa hojjechuu himaniiru.

Raayyichi injifannoo kana akka gonfatu kan taasisee yeroo ijaaramuu raayyaa uumataa ta'ee ijaaramuusaafi hoggansa cimaa qabaachuu isaatiini jedhaniiru.Gareen shororkeessaa ABUT humnoota alaa waliin ta'uun Itoophiyaa nan diiga jedhee ka'uun isaa Raayyichafi uummata dahoo raayyichaa ta'ee xiiqii keessa gachuu isaas himaniiru.

Duula birmadummaa biyya kabachiisuuf taasifameen miseensoota raayyaa ittisa biyyaa hojii gootummaa jabaa hojjetaniif guddinni sadarkaafi badhaasaa kenname gara fuula duraatti gootota biyya isaaniif hojii gootumma hojjetan uummachuu keessaatti gahee guddaa qaba jedhaniiru.

Badhaasni kun raayyaa ittisa biyyaa qofaaf kan kenname osoo hin taanee humnoota nageenyaa naannoleefi uummata dahoo ta'uun duula birmadummaa kanarratti hirmaateefis beekamntii kan kennedha jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana Raayyichi kan kana duraa caalaa ijaarsa isaa cimsuun tekinolojiin humna isaa ijaaraa kan jiruufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf humnaa fi gahuumsa jabaa qaba jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015