Diyaaspooraan Itoophiyaa filannoowwan investimantii mija’aa ta’an irratti hirmaachuuf qophii ta’uun himame.

109

Amajji 04/2014(TOI) -Foramiin Investimantii Diyaaspooraa waamicha Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad fudhachuun gara biyyaatti dhufan hirmaachise Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Fooremicha irratti filannoowwan investimantii Itoophiyaa keessa jiran, jajjabinoota jiran fi foyya’insa hojmaataa irratti hoggantoota olaanoo garagaraan ibsi kennameera.

Gama Damee Fayyaan, Geejjibaafi Loojistikiin, Turizimii, Daldala ,Galii fi Baasii, Oomishaa, Paarkoota Industirii fi dameelee kan biroon filannoowwan investimantii fi carraa jiran irratti ibsi kennameera.

Diyaaspooaan kunneenis Itoophiyaa keessatti kan argaman filannoowwan investimantii mija’aa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu himaniiru.