Sagantaan Konsartii Muuziqaa, Baazaarii fi agarsiisaa addabaabayii michummaatti gaggeeffamaa jira

75

Amajjii 2/2014 (TOI) – 'Imala guddaa gara biyyaatti galuu' waliin kan wal qabate sagantaan Konsartii Muuziqaa, Baazaarii fi agarsiisaa addabaabayii michummaatti gaggeeffamaa jira.

Egibishiiniin kun Itoophiyaanoota, Dhalatootaa Itoophiyaa fi michuuwwan Itoophiyaa wamichi taasifameefi gara biyyaa dhufa hordofuun kan qopha'ee yoo ta'u mata duree 'Made in Ethiopia Great Homecoming' qophaa'e.

Sagantaan kun hari'a irraa eegalee guyyoota shaniif kan turu yoo ta'u industiriiwwaan Oomishaa fi dhaabbileen Turizimii oomishaa fi tajaajila isaanii kan itti beeksifatanii fi gurgurataan akka ta'e himameera.

Sagantaa kanaan Itoophiyaanoota, dhalatootaa Itoophiyaa fi Michoota Itoophiyaa waamichi taasifameefi gara biyyaa dhufan dabalatee lammileen biroos irratti hirmaachuun oomishalee biyya keessatti oomishaman kan kan bitataniifi jajjabeessan ta'a.

Saganticharratti Ministira Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Gabramasqal Caalaa, Ministira Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caalii, Ministira Indaastirii obbo Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015