Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT qaqqabsiise mul’isu agarsiisaaf baname - ENA Afaan Oromoo
Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT qaqqabsiise mul’isu agarsiisaaf baname
49
Amajjii 1/2014 (TOI) – Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT naannoo Amaaraatti qaqqabsiise mul’isu magaalaa Baahirdaaritti agarsiisaaf banameera.
Gareen shororkeessaa ABUT naannichatti miidhaa namoomaa fi qabeenyaa cimaa geessisuu Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Dooktar Geetaachoo Jambar sirna agarsiisa suuraa kanarratti ibsaniiru.
Rakkooleen akka kanaa gara fuulduraatti akka hin mudanneef ajandaalee qoqqoodiinsaa dhiisuun tokkummaan cimanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Suuraawwan kanneen hawaasni qaamaan argamuun daawwachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Sirna baniinsa agarsiisaa kanarratti hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni diyaaspooraa argamuu ibsameera.