Shawaa Lixaatti Dorgommiin Ispoortii Aanolee Eegalame

73

Amboo Bitootessa 27/2011 Godina Shawaa lixaatti shaampiyoonaa dorgommii ispoortii garaa garaa aanolee kan waggaa istaadiyeemii Ambootti jalqabame.

Kaayyoon dorgommichaa yeroo dhiyootti Naqamteetti kan adeemsifamu taphoota guutuu Oromiyaa irratti dorgomtoota godinicha bakka bu’anii hirmaatan filuufi.

Gosawwan ispoortiin kanneenis, Kubbaa miilaa, saaphanaa, teenisii, cheezii, daartii fi atileetiksiin ni argamu.

Bulchaa godinichaa fi walitti qabaan mana maree ispoortii obbo Gazzaahenyi Kabbadaa sirna baniinsa dorgommichaa irratti hirmaattonni amala gaariin gaggeessu akka qaban yaadachiisaniiru.

Yeroo baniinsaarratti dorgommii kubbaa miilaa adeemsifameen aanaan Jalduu Ada’aabargaa waliin taphachuun zeeroo fi zeeroon yoo adda ba’an, Iluu galaan immoo aanaa Calliyaa waliin ja’aa fi zeeroon mo’ateera.

Hanga ji’a Ebla 3/2011 A .I tti dorgommiin turu kun Warshaa simmintoo mugar, Injiinariingii hoomachoo Amuneeshen  fi kolleejjii Giloobaalaa dabalatee aanolee 22 irraa kan dhufan dorgomtoonni kuma 1 fi 500 ta’an akka hirmaatan itti gaafatamaan waajjira ispoortii godinichaa obbo Abarraa Geetaachoo ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015