Ministeerichi fi dhaabbileen itti waamaman qarshii miliyoona 29 ol raayyaa ittisaaf deeggarsa taasise

66

Mudde, 27/2014(TOI) - Ministeerri barnootaafi dhaabbileen itti waamaman, hojjettoonnifi kolleejjonni dhuunfaa waliin ta’uu qarshii miliyoona 29 ol raayyaa ittisaa Biyyaaf deeggarsa taasisan.

Deeggarsichi gootummaa raayyaa ittisaa Biyyaaf beekkamtii kennuu akka ta’e Ministir Dee’etaan Ministeera Barnootaa Doktar Saamu’el Kiflee wayita deeggarsicha kennan himaniiru.

Deeggarsicha kan irraa fuudhan Ministir Dee’etaan Ministeera Ittisaa Aadde Maartaa Luweenjii gamasaaniin, deeggarsa qarshiifi meeshaalee ministeerri barnootaa taasiseef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015