Kutaan Magaalaa Araadaa manneen gandaa 110 harka qalleeyyiif kenneera.

66

Muddee 27/2014 (TOI) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Araadaattii manneen jireenyaa fi hojii 110 qaamolee hawaasaa garagaraaf kenname.Manneen harka qalleeyyiif kennaman kunneen kan seeraan ala qaamoleen garaagaraan qabamani turan ta’uu ibsameera.

Sirna kanarratti Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Waamama olaanaa Mootummaa obbo Mallas Alamuu dabalatee hoggantoonni kutaa magaalichaa argamaniiru.

Kutaan Magaalichaa Ayyaana Qillee sababeefachuun hawaasa galii gadii aanaa qabanii manneen jireenyaa 103 fi dargaggootaaf immoo manneen hojii torba kennuu Hojii gaggeessaan kutaa magaalaa Araadaa obbo Abbaaway Yohaannis himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015