Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota haala yeroorratti mari'achaa jiru

48

Mudde 26/2014(TOI) - Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota haala yeroobiyyaaleessaarratti mari’achaa jiru.

Hoggantoonni olaanoonoo mana marichaa mata duree "Injifannoo waaraan gara Badhaadhinaa fi rakkoolee waaraanaan boodaa" jedhurratti ta'uu himameera.

Maricha haasaan kan banaan ministirri itti wamamaa olaanaa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee akka himanitti Itoophiyaan rakkoo birmadummaa ishee mudatee ture guutummaatti hirmaanna Itoophiyaanota hundaan injifachuu danda'uu fi kanas hoggansi olaanaan dhiheenyatti hordofaa ture.

Rakkoo waraanaan booda keessa fi alaa mudachuu danda'an obsaan itti qabsaa'uun Itoophiyaa gara sarkaa fooyyee qabuutti ceesisuun dhimma ijoo marii kanaa akka ta'ees himaniiru.

Miidhaa fi badii sababa waraanaan qaqqabe ulfaataa ta’us carraa argameetti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisaanii ijaaruun tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaa argame eegsiisuun nageenya waaraa buusuun misoomaa fi guddina Itoophiyaa itti fufsiisuun xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015