Miseensoonni diyaaspooraa waamicha biyyaa fudhachuun gara biyyaa dhufan kan hirmaachise sirni biqiltuu dhaabuu magaalaa Finfinnee paarkii diyaaspooraa keessatti taasifame

73

Mudde, 26/2014(TOI) - Miseensoonni diyaaspooraa waamicha biyyaa fudhachuun gara biyyaa dhufan kan hirmaachise sirni biqiltuu dhaabuu magaalaa Finfinnee paarkii diyaaspooraa keessatti taasifame.

Sirna kanarratti kanneen hirmaatan keessaa tokko aadde Iminat Taaddasee waamicha biyyaa hordofuun gara biyya akka dhufan himanii, misooma biyya koof waan narraa eegamu gahee koo bahuuf qophiidha jedhaniiru.

Biyya isaanii dhufuun misooma ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuu isaanittis akka gammadan himaniiru.

Gara fuula duraattis hojii kana irratti bal'inaan hirmaachuuf karoorfachuu isaanii himanii, Itoophiyaadhaaf waan narraa eegamu kamiyyuu raawwachuuf qophiidha jedhaniiru.

Namni biraan sirna bilqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaatan obbo Biruuk Ababaa, Paarkiin diyaaspooraan ittiin yaadatamu bakka kanatti qophaa'ee, isaanis ashaara magariisaa isaanii paarkii kana keessa kaawwachuu isaanitti akka gammadan himaniiru.

Gara fuula duraattis hojii misooma magariisaa kana cinaatti hojiiwwan misooma biroo irratti hirmaachuuf karoorfatanii akka dhufan himaniiru.

Sirna kanaratti kan hirmaatan miseensoonni diyaaspooraa biroon gara fuula duraatti paarkicha caalaatti misoomsuuf qophoofneerra jedhaniiru.

Hoggantuun biiroo misooma magariisaa fi miidhaginaa magaalaa Finfinnee addee Tsiggeerada Warquu sirni kun kan qophaa'e diyaaspoorawwan gara biyyaa akka dhufaniif akkuma waamichi taasifameefin asharaa magariisaa isaanii akka kawwataniif yaadameetu jedhaniiru.

Paarkichis maqaa diyaaspooraan kan moggafameef hawaasnii diyaaspooraa itti fufinsaan akka misoomsaniif yaadame ta'uu himaniiru.

Sirna paarkii diyaaspooraa keessa biqiltuu dhaabuu hari'a ganama raawwateen biqiltuuwwaan kuma 4 ol dhaabamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015