Qaala’insa gatii Gabaa tasgabbeessuuf bittaan Qamadiifi Zayita nyaataa raawwatameera.

76

Mudde 26/2014(TOI) - -Qaala’insa gatii Gabaa tasgabbeessuufi to’achuuf bittaan Qamadii kuntaalaa miiliyoona 4 fi Zayita nyaataa Liitira miiliyoona 12.5 raawwatamuu, Ministeerrii Maallaqaa beeksise

Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee ministeerichatti waamaman raawwii hojii guyyaa 100 qoratanirrattiBaatii Onkololeessaa fi Sadaasaa Qamadii kuntaala miiliyoona 4 bittaan raawwate keessaa kuntaalli miiliyoonni 1.5 ol gara biyyaa galuu himameera.

Qamadiin kun gara biyyaatti galuun isaa gatiin qamadii akka hin dabalee taasiseera jedhan.

Qamdii hafees yeroo gabaabaa keessatti geejjibsiisuun gara biyyaa galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerichi beeksiseera.

Waktii kanattis Bittaan Zayita nyaataa Liitira miiliyoona 12.5 raawwatamuun gara biyyaa galuuf adeemsarra jiraachuus eerameera.

Kan waliin walqabatee Zaaitiin nyaataafi Daakuun Fichisiistoonni sharafaa mataa isaanii biyyaa alaatti akka galchaan taasisuun gatiin shaqaxaa gatiimaa duraniin akka itti fufuu taasifamus himameera .

Qaala'iinsi gatii waliigalaa Baatii Onkololeessaa keessaa harka 34.2 ture baatii Sadaasaa gara harka 33tti gadi hir’achuu himmaeera.

Gatiin meeshaalee nyaataa Baatii Sadaasaa kan baatii Onkololeessaa yoo madaallame harka 1.8 hir’achuus himameera.Itoophiyaa haa misoomsinu, haa ijaarru, haa qophoofnu

‼

Biyya karaa itti fufinsa qabuun haa misoomsinu

‼

Kan diigame kan duraa caalchifnee haa ijaarru

‼

Qormaata kamiifiyyuu haa qophoofnu

‼
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015