Godina Walloo Kaabaatti manneen barnoota miidhaan irra gahe suphuun Amajji tokko irraa jalqabee hojiin baruu fi barsiisuu ni jalqabama.

66

Mudde, 26/2014(TOI) - Godina Walloo Kaabaatti manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUT tiin miidhaan irra gahe suphuun Amajjii 1/2014 irraa jalqabee hojiin baruu fi barsiisuu akka jalqabamu bulchiinsi godina Walloo Kaabaa beeksiseera.

Bulchaa itti aanaa gonichaa kan ta'an obbo Gaashawu Asmaamee akka haala qabatamaa godinicha ilaalichisuun miidiyaaleef ibsa kenneeniin ibsanitti, gareen shororkeessaa ABUT yeroo godinicha weerare turetti lammilee nagaa hedduu ajjeeseera.

Dubartoota humnaan gudeedaa kan tureefi qabeenyaa uummataas saamaa fi barbadeessaa turu himaniiru.

Garichi godinichatti mannneen barnootaa 777 ol irraan miidhaa guddaa geesisuu himaniiru.

Miidhaan manneen barnoota kanneen irra gahe guddaa ta'us hojiin suphaa taasifameefii Amajji 1/2014 irraa jalqabee hojii baruu fi barsiisuutti kan deebi'an ta'uu himaniiru.

Itoophiyaa haa misoomsinu, haa ijaarru, haa qophoofnu

‼

Biyya karaa itti fufinsa qabuun haa misoomsinu

‼

Kan diigame kan duraa caalchifnee haa ijaarru

‼

Qormaata kamiifiyyuu haa qophoofnu

‼
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015