Hogantoonni olaanoon adeemsaawwan waraanaan booda jiran irratti mariyachaa jiru.

48

Mudde, 25/2014(TOI) - Hogantoonni olaanoon naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa adeemsaawwan waraanaan booda jiran irratti mariyachaa jiru.

Hogganaan olaanaa itti wamamaa mootummaa naannichaa obbo Tsaggayee Maammoo TOI tti akka himanitti,Marichii geggeeffama kan jiru magaaloota naannichaa 3ttidha.

Mariin kun mata duree ''Injifannoo itti fufinsa qabuun gara badhaadhinatti''jedhuun magaalaa Boongaa, Miizan Amaan fi Tarchaatti geggeeffama jira.

Marii kana irratti hoggantoota olaanoo godinaa fi Aanaaleetu hirmaacha jira jedhameera.

Marichis waraanaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun booda waantota raawwatamuu qabaniifi ariitiin waantota sirreeffamuu qaban adda baasuun hubannoo walfakkataa uumuun gara hojiitti galuuf kan qopha'edha jedhameera.

Injifanoon Itoophiyaan galmeessaa jirtu kan Itoophiyaanoota hundaa akka ta'e eeruun injifannichi itti fufinsa qabaatee imaala gara badhaadhinaatti akka ariifachiisuu gochuun barbaachisa ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015