Yuunivarsiitiin Walloo ji'a sadiin booda idileen hojii baruu fi barsiisuutti ni deebi'a.

100

Mudde, 22/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Walloo ji'a sadiin booda idileen hojii baruu fi barsiisuutti akka deebi'u bulchiisin yuunivarsiitichaa beeksise.

Pirezidaantiin Yuunivarsiiticha doktar Mangashaa Bayyanee akka himanitti gareen shororkeessa ABUT qabeenya birrii biiliyoona 11 olitti tilmaamamu mancaaseera.

Yeroo ammaa hojii qabeenya Yuunivarsiitichaa miidhaan irra gahe deebisanii ijaaruu jalqabamee jira. Haala kanaan ji'a sadiin boodaa yuunivarsiitichi hoji idileesaa baruu fi barsiisuutti akka deebi'u doktar Mangashaan himaniiru.

Yuunivarsiitiin Walloo sadarkaa Digirii irraa jalqabee haga sadarkaa barnoota digirii sadaffaatti baratoota kuma 30 ol kan barsiisaa kan jiru yoo ta'u ragaan yuunivarsiiticharra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015