Naannoon Beenishaanguul Gumuzii fi Bulchiinsi Biluu Naayil waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

140

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (TOI) – Naannoon Beenishaanguul Gumuzii fi Sudaanitti Bulchiinsi Biluu Naayil hariiroo kana dura ture caalmaatti cimsuu dhimmoota dandeessisanirratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waltajjiin naannolee lamaanii tumsa misooma daangaa waloorratti guyyoota lamaaf Magaalaa Asoosatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Naannoleen lamaan dhimmoota Diinagdee, Hawaasummaa, Nageenyaa, Misooma, hariiroo Ummataa fi dameewwan biroorratti waloon hojjechuuf walii galtee mallateessaniiru.

Waliigalticha Pireezdaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasanii fi Preezdaantiin Bulchiinsa Biluu Naayil Jeneraal Ahimad Al’umdaan mallatteessaniiru.

Waliigalteen dhimmoota Diinagdee, Hawaasummaa, Nageenyaa, Misooma, hariiroo Ummataa fi dameewwan biroorratti mallattaa’e kana yeroo yeroon raawwiin isaa kan gamaaggamu ta’uu Preezdaantoonni lamaan sirna mallattoorratti haasawa taasiisaniin ibsuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015