Diinonni keenya Itoophiyaa gad dhiisaa bahaa yeroo jedhanitti ilmaan ishii miliyoonaan gara biyyaatti dhufuun haamilee diinaa cabsee jira.

64

Mudde, 20/2014(TOI) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee diinonni keenya Itoophiyaan rakkoo nageenyaa qabdi gad dhiisaa bahaa yeroo jedhanitti ilmaan ishii miliyoonaan gara biyyaatti dhufuun haamilee diinaa cabsee jira jedhan.

Waamichi diyaaspooraaf taasifame haala Itoophiyaan itti uumamte, uummata addunyaa agarsiisuuf carraa gaarii uumee jira.Itoophiyaan har’a ijoollee ishiitiin injifattee jirti jedhan Aadde Adaanach.Miseensoota Diyaaspooraa waamicha taasifameef hordoofuun gara biyyaa dhufanis galateeffataniiru.

Kanneen dhuftanis magaalaan Finfinnee waan qabdu hundaan isin keessummeesuuf qophooftetti jedhaniiru.Itoophiyaa oduun osoo hin taane gochaan agarsiifnee jirra; kana immoo badhaadhina Itoophiyaa irratti dabaluu qabna; isin hojii miidiyaalee sobaa saaxiluun,aanga’oonni dhiibbaa geessisuuf yaalan akka dhaabbatanii yaadan taasiftanii jirtus jedhaniru.

Diyaaspooraan dhimma biyya isaa irratti #NoMore jechuun sagaleen dhaggeessisuun dhugaa Itoophiyaa waan addunyaa hubachisaa turtaniif galatoomas jedhaniiru.

Sirni simannaa diyaaspooraa waamicha taasifameef hordofuun gara biyya dhufaniif paarkii addababaayii Michimmaatti taasifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015