Jiddugalli diyaaspooraan odeeffannoowwan adda addaa irraa argatu hojii jalqabe.

56

Mudde, 20/2014(TOI) - Jiddugalli diyaaspooraan odeeffannoowwan adda addaa irraa argatu hojii jalqabe.

Sirni jiddugalicha hojii jalqabsiisuu kan geggeeffame yoo ta'u sirna kana irratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aaddee Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa biroonii fi bakka bu'oonni diyaaspooraa arganaiiru.

Jiddugalli kun guyyoota ayyaanaa dabalatee dilbataa haga dilbataatti torbee guutuu kan hojjetuufi sochii gama damee dinagdeen jiru diyaaspooraaf odeeffannoo kan kennudha jedhameera.

Jiddugalli kun karra tokkoon tajaajila kan kennu yoo ta'u diyaaspooraan tajaajila Immigiraashinii irraa barbaadus kan irraa argachuu danda'udha.

Dhimmoota biroo diyaaspooraa ilaalichisuun qophaa'anis karaa jiddugala kanaa ni ifooma jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015