Daandiin qilleensichaa miseensoota Diyaaspooraa waamicha taasifameef fudhachuun gara biyyaa dhufaniif simannaa adda taasisaafi jiraachuu hime.

75

Mudde, 19/2014(TOI) - Qoramaata yeroo Itoophiyaa mudate darbuuf Itoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa tokko ta'uun hojjechaa akka jiran ni beekama.

Keessayyuu Itoophiyaanoonni, dhalatoonni Itoophiyaa fi michoonni Itoophiyaa jaalala biyya isaaniif qaban waltajjiwwan adda addaarratti hirmaachuun agarsiisaniiru.

Sosochii #Gahe ( #NO MORE) irrattis dhugaa Itoophiyaa addunyaa hubachiisuun dhiibba uumuu bira darbee dhimma Afrikaanoota hundaa walitti fidee warraaqsu ta'eera.

Itoophiyaanoonni fi dhalatoonni Itoophiyaa dabalataanis maallaqa isaaniinis gahee isaanirraa eegamu bahaa kan jiran yoo ta'u amma immoo waamicha Ministirri Muummee taasiseef fudhachuun hedduun isaanii gara biyyaa galaa jiru.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaas miseensota diyaaspooraa waamichi taasifameef miiliyoona 1 naamusa kanaan dura ittiin beekamu simannaa gaarii taasisuu caalaatti cimsuun simannaa addaa taasisuufidhaaf koree lama hundeessuu isaa beekisiseera.Daandii qilleensaa Itoophiyaatti daarektarri tajaajila lafarraa(Giraawundi Sarviisi) kan ta'an obbo Taaddalaa Bargaa akka TOI ttii himanitti miseensoota diyaaspooraa waamicha taasifameef hordofuun gara biyyaa dhufan haala addaan kan simataafi keessummeessaa jiran ta'uu himaniiru.

Koreewwaan hundaa'an lamaanis haala nageenyaafi tasgabbii kan to'ataniifi kanneen gara biyyaa dhufan kun tajaajila isaan argachaa jiran kan hordofu ta'uu himaniiru.

Adeemsa keessa rakkoowwan yoo mudatan koreewwan kun yeroo gabaabaa keessatti rakkoo maamiltootaa furuun tajaajila si'ataafi mijataa akka argatan ni taasisa jedhaniiru.

Waamicha taasifameef fudhachuun diyaaspooraawwan gara biyyaa dhufan kunneen tajaajila kana yeroo gara biyyaa dhufanis ta'ee yeroo gara biyya irraa dhufaniitti deebi'an haala walfakkaatuun argatu jedhaniiru.

Daandiin qilleensa Itoophiyaa qophiiwwaan tajaajilaan walqabatan malees Diyaaspooraawwan Itoophiyaa waggaa dheeraaf biyya isaanirra fagaatanii yaadanii turan akka gammadaniif bakka ka'umsaa fi ga'umsaa isaanitti sirna aadaa Buna dhugii Itoophiyaa qopheeseefira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015