Of-dagannaan Ittisa Vaayrasii Koroonaa irratti mul’ate gatii nu kaffalchiisa jira jedhame.

54

Finfinnee, Muddee 19/2014 (TOI)- Of -dagannaan Ittisa Vaayrasii Koroonaa irratti mul’ate gatii kaffalchiisa jiraachu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi Raawwii talaallii vaayrasii koroonaa fi talaallii idileerratti magaalaa Adaamaatti gamaggamni gaggeeffameera.Gamaggama kanarratti hoggantoonni biirolee fayyaa, sabquunnamtii fi koominikeeshinii, qaamoleen tumsitootaa fi ogeessonni talaallii vaayrasii koroonaarratti hojjechaa jiran argamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan waggoottan lamman darbanitti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ministeerichi hojjechaa turuu fi namoota miiliyoona 10tti siqaniif talaallii kennuu ibsaniiru.

Dagannaan gama hawaasaatiin jiru vaayrasichi sadarkaa olaanaan akka tatamsa’u taasisuu kaasaniiru.Dagannaan kun gatii guddaa kan nama kaffalchiisisu waan ta’eef hawaasni hubannoo talaallii vaayrasii koroonaarratti qabu akka gabbifatuu fi maloota of eeggannoo akka eegu gaafataniiru.

Daayrektarri Daayrektoreetii Haadholii fi Daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam gamasaaniin, guyyaa vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenerraa kaasee lammiileen kuma 6 fi 800 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbuu ibsaniiru.

Sababa weerara vaayrasii kanaa lammiilee hedduun rakkoolee fayyaa, hawaasummaa fi diinagdeef saaxilamuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015