''Lammiileefi dhalattoonni Itoophiyaa yeroo rakkinaa Itoophiyaa cinaa dhaabbachuun ilmaan gaafa xiiqii ta’uusaanii qabatamaan mul’isaniiru''.

158

Mudde 18/2014(TOI) - Lammiileefi dhalattoonni Itoophiyaa yeroo rakkinaa Itoophiyaa cinaa dhaabbachuun ilmaan gaafa xiiqii ta’uusaanii qabatamaan mul’isaniiru jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassadar Diinaa Muftii.

Gamtaan qindoomina Diyaaspooraa waltahiinsa Itiyoophiyaanota idil Addunyaa waamicha diyaaspooraa miiliyoona tokko gara biyyaa akka galaniif dhiyaatefi hundeeffama gamtiichaa ilaalchiisuun mariin qophaa’e toora Interneetiin gaggeeffamaa jira.

Marii kanarratti kan argaman Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Ambaassadar Diinaa Muftii akka jedhanitti, lammiilee Itiyoophiyaa waamicha dhiyaateef hordofe gara biyya isaanii dhufuun seenaa guddaan hojjetamuu agarsiisa.

Miseensonni diyaaspooraa waamicha biyya isaanii fudhatani dhufuuf murteessan yeroo rakkinaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun ilmaan gaafa xiiqii ta’uusaanii qabatamaan mul’isaniiru jedhan.

Kuniis biyyatti bira darbe Afrikaanota hunda kan boonseefi shira gita bittaa dhoksaa biyyatti irratti aggaamame fashaleessuun yaada diinoota keenyaa abjuu kan taasise jedhan.

Bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf sochii eegalame keessattiis gahee isaanii bahuu akka qabaniis Ambaassaddar Diinaan dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Qindoomina Diyaaspooraa Waltahiinsa Itiyoophiyaanota idil Addunyaa Obboo Allabbaachaw Dassaalanyi gama isaaniitiin, diyaaspooraan waamicha dhiyaateef fudhatanii gara biyyaa galuun ummataafi mootummaa Itiyoophiyaa cinaa ta’uusaanii ifatti mul’isaniiru jedhan.

Wayita gara biyyaatti galaniis diinagdee Itiyoophiyaa utubuun, namoota qe’eesaanii irraa buqqaa’aniifi Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif deeggarsa gochuun gahee isaanii akka bahan hubachiisaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015