Haga ammaatti Geejiba bilisaan namoonni kuma 2 gara qe'ee isaanitti deebi'aniiru.

67

Mudde, 15/2014(TOI) - Mudde 06/2014 irraa haga ammaatti geejiba bilisaan namoonni kuma 2 gara qe'ee isaanitti deebisuu Ministeerri Geejibaa fi Loojistikii beeksise.

Ministirri Geejibaa addee Daagimaawit Mogos har'a buufata Konkolaataa Laam baratitti argamuun tajaajila geejiba tolaan namoota sababaa waraanaan qe'ee isaaniirra buqqa'anii Finfinnee turan gara qe'ee isaanitti deebi'aa jiran daawwataniiru.

Ministirrittiin akka jedhaniitti Konkolaattotaa 30 bobbaasuun muddee 6/2014 irraa jalqabee namoota kuma lamaa ol tolaan gara qe'ee jireenyaa isaanitti deebisuu himaniiru.

Magaalaa Dasee fi Waldayaatti dabalatan gara magaalaa Bahaar daar kanneen deebumuu barbaadaniifsis gara fuula duraatti haalli akka mijatuuf ministirittiin dubbachuu ragaan Ministeera geejibaarra argame ni muli'isa.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaatti deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015