Gareen shororkeessaa ABUT qaabeenya Yuunivarsiitii Waldayaa kan saamiicha isaarraa hafe illee akka tajaajila kennuu hin dandeenyetti mancaaseera.

62

Finfinnee, Mudde, 15/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT qaabeenya Yuunivarsiitii Waldayaa kan saamiicha isaarraa hafeen illee akka tajaajila kennuu hin jalqabnee mancaasuu isaa gorsaan dhimma nageenyaa Ministira Muummee obbo Gadduu Andaargachoo himan.

Obbo Gadduun qabeenya Yuunivarsiitii Waldayaa garee shororkeessaa ABUT tiin samamaniifi manca'aan daawwataniiru.Gareen kun qabeenya Yuunivarsiiticha kan dandanda'e saamee kan hin dandeenye immoo Mancaaseera.

Obbo Gadduun daawwannaa kanarratti akka dubbataniitti gareen shororkeessaa ABUT mootummaa yookan abbootii siyaasaa kan jibbuu osoo hin taane uummata akka diinaatti akka ilaalu gochaan inni qabeenya Yuunivarsiitichaa irratti raawwate ragaadha jedhaniiru.

Gochaa badii gareen kun raawwateen osoo duubatti hin deebi'iin Yuunivarsiiticha karaa kanaan dura caalaa fooyyee qabuun deebifamee akka ijaaramu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015