Ayyaana Qillee fi Cuuphaa waliin walqabatee qaala’insi gatii akka hin mudanneef bittaan zaayitaa liitira miiliyoona 5 gaggeeffamaa jiraachuu himame.

62

Mudde 13/2014(TOI) - Ayyaana Qilleefi Cuuphaa dhufu waliin walqabatee qaala’insi gatii akka hin mudanneef zaayita liitira miiliyoona 5 biyya alaarra galchuuf bittaan gaggeeffamaa jiraachuu Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii Itoophiyaa beeksise.

Hojii Raawwachiisaan Ittaanaa Dhaabbaticha obbo Nigusee G/Maariyaam akka himanitti wayita ammaa dhiyeessii zaayitaafi fedhii gidduutti rakkoon akka hin uumamneef xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Baajata waggaa qabameen baatii Fulbaanaatti zaayita liitira miiliyoona 24.8 biyya alaarraa galchuun hawaasaaf gatii madaalawwaan dhiyeessuuf kaasaniiru.

Dhaabbatichi wayita ammaa ayyaana Qillee fi Cuuphaa dhufu waliin walqabatee qaala’insi gatii akka hin mudanneef zaayita liitira miiliyoona 5 biyya alaarra galchuuf bittaan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015