Mariin biyyaleessaa Mootummaan geggeessuuf jiru marii biyyaalessaa hunda hammate geggeessuuf malee garee shororkeessaa waliin mari'achuu akka hin taane baramuu qaba.

118

Finfinnee, Mudde, 13,2014(TOI) - Mariin biyyaleessaa mootummaan geggeessuuf jiru marii biyyaalessaa hunda hammate geggeessuuf malee garee shororkeessaa waliin mari'achuuf akka hin taane baramuu qaba jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala waqtaawwaa biyyaaleessa adda addaarratti ibsa kenneera.Deetan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa akka himanitti, nageenyi waaraa itti fufinsa qabu Itoophiyaa keessa akka jiraatuuf dhimmoota ijoo biyyaa irratti marii hunda galeessa ta'e geggeessuuf mariin biyyaaleessaa ni geggeeffama.

Mariin kunis dhimma yeroo ammaa waraana garee shororkeessitoota waliin taasifamu ilaalichise marii shororkeessitoota waliin ta'amu miti jedhaniiru.

Mariin kun kan amma jalqabame osoo hin taane qaama jijjirama biyyatiitti dhufeen wal qabatee nageenya waaraa biyyattitti fiduuf kan hojjetamaa turetii jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana namoonni tokko tokko yaadicha sirritti hubachuu dhabuurran kan ka'e marii garee shororkeessaa waliin taasifamuuf jiru godhanii haalli ittii dhiheessaa jiran sirrii miti jedhaniiru.

Mariin kun marii hunda galeessa ijaarsa biyyaa irratti xiyyeeffateefi kana milkeesuufis dhaabbata hunda irraa bilisaa hundeesuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Marichi dhimmoota gurduddoo biyyaaleessaarratti qaama dhimmi ilaallatu waliin marii taasiisuun ijaarsa biyyaa mirkaneessuu fi walii galtee biyyaaleessaa uumuuf ta’uu kaasaniiru.

Haalli marichaa akkaataa kamii fi eenyu waliin akka gaggeeffamu qajeelfamni qophaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015