Naannoo Affaarii fi Amahaaraatti lammilee qe'eefi qabeenya isaanirraa buqqa'aniif deeggarsi Yuuroo kuma 25 taasifame.

50

Mudde, 12/2014(TOI) - Itoophiyaannoonni, dhalatoonni Itoophiyaa fi michuuwwan Itoophiyaa Faransaay magaalaa Paarisii fi magaalota biroo jiraataan naannoo Affaarii fi Amahaaraa bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weeraree turetti lammilee qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'aniif kan oolu deeggarsa Yuuroo kuma 25 taasisan.

Sagantaan walitti qabinsa deeggarsa lammilee buqqa'aniif walitti qabuu waldaa 'kominiitii' Itoophiyaa Faransaayii fi 'Defence Ethiopia-France Taskforce' waliin ta'ii Imbaasii Itoophiyaa Faransaayitti argamutti geggeessaniiru.

Sagantaa kana irratti Itoophiyannoonni, dhalatoonni Itoophiyaa fi michoonni Itoophiyaa qaamaafi karaa Intarneetaa hirmaataniiru.Sagantaa kanarratti yuuroo kuma 25 walitti qabuun akka danda'amee himameera.

Kana malees hirmaattoonni sagantaa kana irratti argaman ji'a Amajjii dhufu irraa jalqabee waggaa tokkoof ji'an Yuuroo 30 hanga 300 deeggarsa kana taasisuuf waadaa galuu isaanii Ragaan Ministeera dhimma alaarra argame ni muli'isa.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015