Jijjiiramni kun Poolisii Oromiyaatti akka makamnu nu taasiseera- miseensota ABO duraanii

114


Adaamaa Bitootessa 26/2011 carraa jijjiiramni kun fidetti fayyadamuun Poolisii Oromiyaatti makamneera jechuun miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)duraanii ibsan.

Leenjii kolleejjiin Poolisii Oromiyaa kenneef xumuranii kan eebbifaman miseensota ABO duraanii keessaa gargaaraa saajin Samiir Jihaad akka ibsetti godina Jimmaa magaalaa Aggaaroorraa gara qabsootti makamuun Eertiraa taa’ee haqaa fi walqixxummaaf qabsaa’aa tureera.

``Kaayyoon qabsoo keenyaa dimokiraasii fi bilisummaa ummataaf waan ta’eef qabsoo ummata waliin taasifamee jijjiirama dhufeen dirreen siyaasaa biyyattii jijjiirameera`` jedhe.

Qabsoo hidhannoo dhiisuunii fi hidhannoo hiikuun qabsoo karaa nagaaf biyya keessa galuu isaa dubbateera.

Filannoo mataasaatiin gara Poolisii Oromiyaatti makamuun leenjii fudhachuu isaa eereera.

``Abbaan koo ammayyuu maqaa ABO dhaan bosona keessaa qabsoorra jira`` kan jedhe gargaaraa saajin Samiir, gaaffiin haqaa, walqixxummaa fi dimokiraasii ummanni Oromoo gaafachaa ture deebii argachaa waan jiruuf hidhannoo kan hin hiikne miseensonni ABO gara qabsoo nageenyaatti akka deebi’an waamicha godhaniiru.

Carraa jijjiiramni biyyaa uumeetti fayyadamuun qabsoo hidhannoo dhiisuun gara qabsoo  nageenyaatti deebi’uu isaanii kan ibsan ammoo gargaaraa saajin Abarraa Olii dha.

Waggoota kudhaniif miseensa ittisaa ta’uun erga tajaajilanii booda hacuccaa fi gidiraa  mormuun adda bilisummaa Oromootti makamanii Eertiraatti qabsoo akka jalqaban yaadataniiru.

Waggoota 14 darbanittis haqa, dimokiraasii fi walqixxummaaf qabsaa’aa turuu isaanii kan dubbatan saajin Abarraan biyyattiin adeemsa jijjiiramaarra jiraachuu ishee dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana biyyattiitti nageenyi amansiisaan akka jiraatuu fi olaantummmaan seeraa akka mirkanaa’uuf ga’ee isaanii ba’uuf humna nageenyaa Oromiyaatti dabalamuu isaanii ibsaniiru.

Naannoowwan garaagaraatti hidhannoo qabsoorratti kan argaman miiltoowwan keenya carraa jijjiiramichi fidetti fayyadamuun gara qabsoo nagaatti akka dhufan gargaaraa saajin Abarraan gaafataniiru.

Gargaaraa saajin Abdurahamaan gama isaaniitiin godina Iluu Abbaa Boor aanaa Beddelleerraa gara qabsootti makamuu isaanii ibsan.

``Biyyattiitti haqnii fi walqixxummaan akka dhufuuf kaayyoon qabsoofneef milkaa’ee jijjiiramni dhufuu isaatti gammadeera`` jedhan.

Gargaaraan saajin Abrahamaan akka jedhanitti gara qabsoo nageenyaatti miseensota hin deebineen hidhannoo isaanii hiikanii makamuu qabu.

Daayirektarri kolleejjii Poolisii Oromiyaa komaandar Geetaachoo Itaa ``miseensonni ABO gara Poolisii Oromiyaatti akka makaman kan taasifame jijjiiramni siyaasaa biyyattiitti dhufuusaatiini`` jedhan.

Kolleejichi miseensota qabsaa’oo ABO duraanii 697 simstee leenjisuun humna nageenyaa naannichaatti akka makaman taasifamuu isaa komaandar Geetaachoon beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015