Ilma Ajaja Dhibbaa Geetaachoo Morodaafi guddiftootasaaf manni jireenyaa kenname

59

Mudde, 12/2014(TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ilma goota birmadduummaa biyyaa kabachiisuu aarsaa kan ta'ee Ajaja Dhibbaa Geetaachoo Morodaafi guddiftootasaaf mana jireenyaa kennuusaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee beeksisaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee fuula miidiyaa hawaasaasaanii akka ibsaniitti, guyyoota 40 bobaa abbaa isaa jala taa’ee Itoophiyaaf lolaa kan turee daa’imni Biiniyaam Geetachoo (Abbaa Biyyaa)fi guddiftoota adaadaawwan isaa qaamaan argeera jedhan.

Ilmi gooticha ajaja dhibbaa Geetaachoo Morodaa sammuu umrii amma irra jiruun wanta arguu hin qabne argeera, gootonni ijoollee Itoophiyaa biyyaasaaniif wayita aarsaa ta’aan ijaan argeera, sammusaa keessaatti bocameera jedhan.

Guddiftoota Biniyaamiif manneen waliin jireenyaa seeraan ala qabamanii turan keessaa tokkoo laatamuufi himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015