Samaraa dabalatee magaaloonni naannoo Affaar hedduun tajaajila humna ibsaa addaan citee turee deebisanii argataniiru.

62

Mudde, 12/2014 (TOI) - Naannoo Affaar magaaloonni akka Samaraa, Loogaa, Dubbittii, Asaayittaa, Millee, Dichi'ootoo, Elida'aarii fi Galaafiin tajaajilli humna ibsaa addaan jalaa citee ture sirraa'ee irra deebiin tajaajila argachuu isaanii Tajaajilli humna Ibsaa Itoophiyaa beekiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT yeroo naannoo Affaar weeraree turetti bu'uraalee misooma tajaajila humna ibsaa barbadeessuun isaa ni yaadatama.

Naannichaatti jiddugaleessoonni 7 kan Sabsiteeshinii Kombolchaarraa tajaajila argachaa turan guutummaan guututti tajaajilli isaanii adda citee ture.

Ta'uus hojjetoonnii fi hoggantoonni tajaajilli humna ibsaa naannoo Affaar tattaffi cimaa taasisaniin magaaloonnii akka Samaraa, Loogaa, Dubbittii, Asaayittaa, Millee, Dichi'ootoo, Elida'aarii fi Galaafiin tajaajilli humna ibsaa addaan jalaa citee ture suphuun tajaajila akka argatan taasisaniiru.

Tajaajila kana dafanii deebisuun kan hin danda'amneef rakkoo teekinikaa Sabsteeshinii Kombolcharratti mudatee fi hojee suphaa optikaal Faayibeer waliin wal qabatee akka ta'e tajaajilli humna ibsaa naannoo Affaar beeksiseera.

Haga rakkichi guutummaan guututti furamuttii mamiloonni magaaloota kanneen jiran darbee darbee addaan cicituun tajaajila humna ibsaa akka mudachuu danda'u hubachuun obsaan akka eeggatan dhaamaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015