Kalaqaawwan haaraa ta'an maallaqaan gargaaruuf qophiin taasifameera.

67

Mudde, 11/2014(TOI) - Kalaqaawwaan haaraa ta'aan dinagdeen deeggaruun abbootiin kalaqaa akka gara investimatiitti galan taasisuuf qophii gochuu Baankiin Misooma Itoophiyaa beeksise.

Moodela Biizinasii erga baankichaa fi fedhii Investimatii biyyittin barbaadduus qopheessuu baankichi eerera.

Pirezidaantiin Baankichaa doktar Yohaannis Ayyaaloo akka TOI tti himanitti bara kana keessaa lixaa birrii biiliyoona 19 dhiheessuuf hojjechaa jira.

Baankiin Misooma Itoophiyaa kanaan dura gosoota liqaa adda addaa dhiheessaa turuu kan himan doktar Yohaannis ammas baankichi dhiheessii Faayinaansii haaraa jalqabuuf qophaa'eera jedhaniiru.

Kunis kalqaawwan yaada haaraa dinagdeen kan deeggaru ta'uu eeruun, hojii kana keessummessuuf kutaan barbaachisu qofaatti kan hundaa'e ta'uu himaniiru.

Haaluma kanaan kanneen kalaqaa haaraa isaaniitti abbeentaa(Paatentii) qaban maallaqaan deeggaruuf baankichi qophaa'uu himaniiru.

Hojiin kunis dargaggoonni gara Investimatiitti karaa salphaa akka galaniif gahee isaa kan bahudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015