‘’Murtoon Mana Marichaa Itoophiyaaf hiikkaa kan hin qabnedha’’- Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

66

Mudde, 10/2014(TOI) - Dhaabbanni Biyytoota Gamtoomanii murtoo Mana Maree Mirgoota Namoomaa dabarse Itiyoophiyaa irratti hiikkaa kan hin qabne fi Itoophiyaan kan hin fudhanne ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii akka himanitti, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii murtoo Mana Maree Mirgoota Namoomaa dabarse karaa tokkoon birmadummaa biyyaa dhiibuu fi sirna bittaafi olantummaa isaaniif akka mijatu taasisuuf akka ta’e himaniiru.

Haa ta’u malee, murticha Itoophiyaan akka hin fudhanne fi hiikka tokkollee kan hin qabne ta’uu beeksisaniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Biiroon Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Komishiniinn Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaan waliin ta’uun qorannoo taasisuun bu’aa qorannichaa ifoomsani turan jedhan Ambaasaaddar Diinaan.DHPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015