Baabura Finfinneerraa Jibutii Deemaa Ture Irra Balaan Ga’e

77

Adaamaa Bitootessa 26/2011 Finfinneerraa Jibutii deemaa kan ture baaburri meeshaa fe’u mucucaatee daandiirraa ba’uusaatiin qabeenyaarra miidhaan qaqqabuusaa qajeelchi poolisii godina Shawaa bahaa beeksise.

Qajeelchichatti itti gaafatamaan quunnamtii ummataa komaandar Aschaaloo Alamuu tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, balaan kun kan qaqqabe baaburichi godinichatti aanaa Fantaallee ganda qonnaan bulaa Ilaalaa wayita ga’u daandiirraa ba’uusaatiini.

Furgoowwan 17 harkisee deemaa kan ture baaburri kun halkan keessaa sa’aatii 9:00 irratti daandiisaarraa ba’uu kan danda’e bokkaa cimaan roobeen daandiin baaburaa dalaliidhaan guutamuusaatiini.

Furgoowwan baaburichi harkisaa ture keessaa sadansaanii balaa kanaan tajaajilaa ala yoo ta’an, sadansaaniirra ammoo balaan xiqqaan ga’uusaa ibsaniiru.

Furgoowwan 7 daandiirraa ba’anii osoo hin garagaliin kan dhaabatan yoo ta’u, furgoowwan 4 ammoo bakka jiranitti dhaabachuusaanii kan himan komaandarri kun baaburri kun meeshaa kan fe’u waan ta’eef lubbuu namaarra balaan akka hin geenye dubbataniiru.

Keessumaa wayita roobaa daandiin baaburaa dalaliidhaan akka hin miidhamne hordoffii akka barbaadu ibsanii, balaan kun daandii baaburaarratti miidhaa waan geessiseef toora baaburaa Finfinneerraa Jibutii geessu irratti rakkoon uumamuusaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015