Pireezdaanit Saahilawarq Zawdee Pireezdaantii Baankii Misoomaa Afrikaa waliin mari’atan

74

Finfinnee, Muddee 8/2014 (TOI)- Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee Pireezdaantii Baankii Misooma Afrikaa Akinaawumii Adiisinaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin piroojektiwwan misoomaa Itoophiyaa fi Afrikaatti yeroo itti aanuutti hojjetamaan irratti mari’ataniiru.

Pireezdaanit Saahilawarq Zawdeen Baankiin Misooma Afrikaa dameewwan hedduun tumsaa misooma baroota dheeraa Itoophiyaa ta’uu kaasaniiru.

Baankichi dameewwan misoomaa qonnaa, geejjibaa, anniisaa fi bishaaniin taasisaa jiru kaasaniiru.

Dameewwan kanneeniin baankichi deeggarsa Birrii biiliyoona 1 taasisuu ibsaniiru.

Itoophiyaan waggoota lamaan darbanitti yeroo rakkisaa kan dabarsitee ta’uus, paarkiiwwan indaastirii dargaggootaa Itoophiyaa hedduuf abdii gudda kan qabu bu’aa gaarii fidaa jira jedhaniiru.

Pireezdaantiin baankichaa gama isaaniin fayyadamuummaa dubartootaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himuu ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keeeegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015