''Siwiidiin damee teekinoloojiifi hojii uumuu, barnootaafi qonnaarraatti Itoophiyaa waliin hojjechuuf qophiidha.''

75

Mudde 07/2014(TOI) - Siwiidiin damee teekinoloojiifi hojii uumuu, barnootaafi qonnaarraatti Itoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Siwiidiin Haanis Heenariis Lunduukist himan.

Ministirri Inooveeshiniifi Teekinoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiidiin Haanis Heenariis Lunduukist waliin saayinsii, teeknoloojiifi inooveshinii fi dhimmota haala yeroo biyyaa irraatti mari’ataniiru.

Siwiidiin damee oddeeffannoo Kominikeshiniifi teekinoloojiin biyya muxannoo kuufama qabdu ta’uu ishiin muxannoo kanammoo Itiyoophiyaan fudhachuu kan barbaaduufi deeggarsaas kan feetu ta’uu Dr. Ballaxaa Mollaa ibsaniiru.

Siwiidiin dameelee adda addaan deeggarsa Itiyoophiyaaf taasiftuuf galateffachuun,damee ICT’fi Dijitaalaan hanqina humna namaa Itiyoophiyaan qabduu guutuuf Siwiidiin kanaan dura deeggarsa taasisaa turte cimsitee akka itti fuftuu gaafataniiru.

Itoophiyaatti kampaniin Siwiidiin 13 ol jiraachuufi haala waqtaawaa biyyaa ammaa jiruun sodaa gama Siwiidiin jiru Ambaasaaddar Haanis Heenariis Lunduukist kaasaniiru.

Ministirri Inooveeshiniifi Teekinoloojii Doktar Ballaxaa Mollaa, rakkoo keessoo yeroo ammaa Itoophiyaa mudate furuuf biyya humnaafi beekumsa kan qabdu ta’uu Ambaasaaddarrichaf mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015