Hawaasni lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT tiin rakkoof saaxilamaniif deeggarsa akka taasisu abbootiin amantaa gaafatan.

47

Mudde,06/2014(TOI) - Hawaasni lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT tiin rakkoof saaxilamaniif deebisanii dhaabuuf deeggarsa akka taasisu abbootiin amantaa TOI dubbise gaafatan.

Yeroo rakkoo kana wal gargaarufi wal utubuun bira darbuun akka barbaachisuus eeraniiru.

Miseensa mana maree dhimmoota Islaamaa kan ta'an, Hojii Muhaammad Maahaammad haala waqataawwa keessa jirru jiddu galeessa godhachuun lammilee qe'ee fi qabeenya isaaniirra buqqa'anii jiran deebisanii dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu jedhaniiru.

Itoophiyaanonni dhaabbilee misoomaa diigamanis deebisanii ijaaruuf deeggarsa barbaachisa akka taasisuu qaban gaafataniiru.

Qindeessaan yaa'ii dhaabbilee Amantaa naannoo Amahaaraa obbo Faasil Taayyee gama isaaniin gareen shororkeessaa ABUT bu'uuraalee misoomaa heddu mancaasuu eeraniiru.

Hawaasa qe'ee fi qabeenya isaarra buqqa'e deebisanii dhaabuun abbootiin amantaa mootummaa waliin ta'uu gahee isaanii akka bahan waamicha taasisaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015