Magaalooni Jamaa, Warra Iluu fi Kutaa Barri tajaajila Humna Elektirikii addaan citee ture deebisanii argatan

60

Finfinnee, Muddee 6/2014 (TOI) - Magaalooni Jamaa, Warra Iluu fi Kutaa Barri tajaajila Humna Elektirikii sababaa weerara garee shororkeessaa ABUT tiin addaan jalaa citee ture irraa deebiin argachuu Tajaajilli humna Elektirikii Itoophiyaa beeksiise.

Magaaloonni harka garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisooman tajaajila humna Elektirikaa akka argatan bu’uuraalee misooma elektirikaa hojiin suphuu fi deebisanii ijaaruu saffisaan hojjetamaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

Yeroo ammaas magaaloonni naannoo Amaaraa humna elektirikaa argachaa jiraachuu himeera.

Guyyaa har’aas magaaloonni Kibba Walloo tajaajilli humna elektirikaa jalaa adda cite ture Jamaa, Warra Iluu fi Kutaa Barri tajaajila Humna Elektirikii deebisanii argachuu ragaan Tajaajila Humna Elektirikaa Itoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015