Gareen Shororkeessaa ABUT humna Nageenyaa Qindaa’aa Itoophiyaatiin rukutamaa ‘’Gara awwaalatti’ osoo deemaa jiruus amala olola sobaa isaa dhiisuu hin dandeenye.

51

Mudde 05/2014(TOI) - Gareen Shororkeessaa ABUT humna Nageenyaa Qindaa’aa Itoophiyaatiin rukutamaa ‘’Gara awwaalatti’ osoo deemaa jiruus amala olola sobaa isaa dhiisuu hin dandeenye jedhan Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deesisaa

Daa’imman Tigiraayi Waa’ee lolaa hubannoo hin qabne guuree ficisiisaa kan jiru gareen kun gaafatamummaa jalaas hin bahu jedhan.

Obbo Kabbadaan turtii TOI waliin taasisaniin Garichi 'Itoophiyaan diiga' jechuun daa’immaniifii Maanguddoota Adda Waraanaatti hiriirsee jira jedhan.

Gareen shororkeessaa ABUT Daa’immaniifi Maanguddoota Tigiraay kanneen hubannoo waraanaa hin qabne hiriirsisuun Itoophiyaa nan diiga jedhee dhufus, gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee Nageenyaa biroo qindoominaan tarkaanfii fudhachaa jiraniin hidhattoonni garee shororkeessaa kun barbadaa’uun kanneen hafan immoo harka kennachaa jiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015