Diyaaspooran gara biyyaa dhufuuf kaka'umsa guddaa qaba.

94

Mudde, 5/2014 (TOI) - Waamicha Ministira muummee hordofuun diyaaspooraan gara biyyaa dhufuuf kaka'umsa cimaa agarsiisaa jiraachuu Ejensiin Diyaaspoora Itoophiyaa beeksisee.

Ejenisichii akka jedhetti hawaasni diyaaspooraa ji'a tokko keessatti lammilee rakkoof saaxilaman gargaruuf doolara miiliyoona 3 ol walitti qabuun galii taasiseera.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ayyaana qillee bara kanarratti lammileen Itoophiyaa fi dhalatoonni Itoophiyaa miiliyoona 1 ta'an gara biyyaa akka dhufan waamicha gochuun isaanii ni yaadatama.

Gara biyya yeroo dhufanis tokkoon tokkoon isaanii lammilee biyya alaa tokko tokko qabatanii akka dhufanis waamicha taasisaniiru.Daarektarri kominikeeshinii ejensii Diyaaspooraa Itoophiyaa obbo Wandooseen Girmaa akka TOI tti himanitti waamicha kana hordofee hawaasni diyaaspoora gara biyyaa akka dhufuuf Ejensichi kanneen dhimmi ilaallatu waliin qindaa'ee hojjechaa jira.

Dhimmicha kan qindeessu koreen biyyaaleessaa akka hunda'e himuun, Misiyoononni Itoophiyaa biyyoota adda addaatti argamanis diyaaspooran gara biyyaa akka dhufuuf sochii bal'aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Diyaaspooraan dhimmaa hin malleefi jiddu seentummaa biyyoota biroo kan balaaleffatu duula #NOMORE irratti hirmaacha tureera. Hiriirri qaamaa duulicha ta'ees magaaloota adda addaa 40 taasifamuu beeksisaniiru.

Biyyoonni alaa tokko tokko Itoophiyaa keessa nageenyii waan hin jirre fakkeessuuf lammilee isaanii akka Itoophiyaadha bahaniif waamicha yeroo taasisan ni dhaga'ama kan jedhan obbo Wandooseen, ija kanaan yoo ilaalamu Diyaaspooraan gara biyyaa dhufuun hiikka hedduu qaba jedhaniiru.

Diyaaspooran gara biyyaa dhufuun Holola sobaa miidiyaalee biyyoota lixaa tokko tokko Itoophiyaa ilaalichisuun tamsasaa jiranis sirrii akka hin taanee agarsiisuuf ni gargaara jedhaniiru.

Itoophiyaannoon gara biyyaa dhufuuf kaka'umsa guddaa agarsiisaniiru. Awurooppaa fi Ameerikaa Itoophiyanoonnifi dhalatoonni Itoophiyaa jiraatan namoota 200 hanga 300 ta'uun balalii Chaartara heeyyamsiisaa jiraachuu akka fakkeenyatti eeraniiru.

Diyaaspooraan gara biyyaa dhufuun Turizimii fi dameelee tajaajila kan dinagdeen bayyanachiisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015