Dhaabbilee idil addunyaa dhiittaa mirga namoomaa garee shororkeessaa ABUT'n raawwatamee qorachuu barbaadaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa ni taasisaafi.

68

Muddee, 02/2014 (TOI) - Dhaabbilee idil addunyaa dhiittaa mirga namoomaa garee shororkeessaa ABUT'n raawwatamee qorachuu barbaadaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisuuf himame.

Mootummaan lammileen gareen shororkeessaa ABUT'n rakkoon irra gahe haqa akka argataniif hojjecha jira.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala waqtaawaa irratti ibsa kenneera.

Deetaan Ministeericha Salaamaawit Kaasaa yeroo ibsicha kennan akka jedhanitti gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti dhiittaa mirga namoomaa heddu raawwachuu himaniiru.

Gareen kun dhiittaa mirga namoomaa hedduu raawwatus dhaabbileen mirga namoomaa idil addunyaa garuu haga barbaadamuu irratti akka hin xiyyeeffanne himaniiru.

Dhaabbaanni mirga namoomaa Humaan raahit wachi jedhamu guyyaa mirga namootaa kaleessa yaadatamee oole irratti gareen shororkeessaa ABUT Cinaafi Qobbootti yakka hojjete ifa gochuun isaa jalqabbii gaariidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015