Doktoroonni tola ooltonnii lammilee garee shororkeessaa ABUT'n miidhaan irra gahe ogummaan gargaaruuf naannolee adda addaatti imaaluuf jiru.

43

Finfinnee, Sadaasa, 02/2014 (TOI) - Doktoroonni tola ooltonnii lammilee garee shororkeessaa ABUT'n miidhaan irra gahe ogummaan gargaaruuf naannolee adda addaatti imaaluuf akka jiran waldaan Hakiimota Itoophiyaa beeksiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti dhaabbilee fayyaa irraatti mancaatii guddaa fi saamicha raawwateera.

Kunis daa'immaan, haadholii ulfa, kanneen hordoffii yaala fayyaa qaban hedduu rakkoorra buuseera.

Lammilee rakkoo kana keessa jiran gargaaruun immoo dirqama kanneen qaamni ilaallatu hundaati.

Waladaan hakiimota Itoophiyaa TOI tti akka himeetti doktoronni tola ooltonni bakkeewwan rakkoon itti uumamee kana deemuun lammilee rakkoof saaxilaman gargaaruuf qophiirra jiru.

Waamicha yeroo gabaabaa keessatti taasifameen haga ammaatti doktoroonni 200 ol tola ooltummaan lammilee kanneen gargaaruuf galmaa'uu Pireezidaantiin waldicha doktar Tagibaar Igizaawu himaniiru.

Waldichii qamoolee dhimmi ilaallatu waliin karoora yeroo dheeraa, gabaabaa, kan aariifachiisaa qopheessuun naannolee miidhaan irra gahee kana gargaaruuf gara hojiitti galuus himaniiru.

Waldichi bakkeewwan adda addaatti ogeeyyii ramadee gargaarsa barbaachisa gochaa akka ture himanii, Wixata irraa jalbuun ammas hakiimoota ramaduun hojiicha cimsanii kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Lammilee rakkoon irra gahee kana karaa dhaabbataan gargaruufis ministeera fayyaa fi kanneen dhimmi ilaallatu biroo waliin hojjechaa jiraachus doktar Tagibaar Igizaawuu himaniiru.

Naannolee garee shororkeessaa ABUT tiin miidhan irra gahee kanatti meeshalee adda addaas gargaruun kan itti fufu ta'uus himaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015