Gareen shororkeessaa ABUT Hospitaala Riifiraalaaa Dassee guutummaa guutuutti saameera, waan hospitaalicha keessaa fudhachuu hin dandeenye immo barbadeesseera.

56

Sadasaa 29/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT Hospitaala Riifiraalaaa Dassee guutummaa guutuutti saameera, waanHospitaalicha keessa fudhachuu hin dandeenye immo barbadeesseera.

Gareen kun bakkeewwan weeraruun qabatee turetti qabeenyaa mootummaa fi dhuunfaa saameera, fudhachuu kan hin dandeenye immoo barbadeesseera.

Gareen shororkeessichaa keessumaa dhaabbilee tajaajila uummataaf kennan irratti saamichaafi mancaatii guddaa kan raawwate yoo ta’u, dhaabbilee kana keessaa hospitaalli Dassee isa tokko ta’uun beekameera.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa hospitaalichatti argamuun daawwannaa taasiseen qabeenyaa barbadeessuu isaa ilaaleera.Gaggeessaan yeroo Hospitaalichaa obbo Geetaachoo Mattaaferaa akka dubbatanitti, gareen shororkeessichaa hospitaalicharratti balaa guddaa geessiseera.Qorsa dabalatee maashina yaalaaf oolu saamee fudhachuu isaa ibsanii, keessumaa yeroo dhiyoo eebbifamee hospitaalichatti tajaajila kennaa kan ture oomisha oksiijinii guutummaa guutuutti akka saame himaniiru.

Hospitaalichatti sireewwanii qoricha fudhachuu hin dandeenye immoo barbdeessuu isaanii obbo Geetaachoon beeksisaniiru.Dabalataan jenereetara hospitaalichaa saamuun hospitaalichi boba’aa akka hin arganne gochuun yaalamtoota dhibeerraa fayyuu danda’an akka du’a taasisuu isaanii ibsaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015