Itoophiyaa erga dhufnee rakkoon nu mudate homtuu hin jiru - Turistoota alaa dhufan

62

Sadaasa,28/2014(TOI) - Itoophiyaa erga dhufnee rakkoon nu mudate homtuu hin jiru jedhan Turistoota biyyya alaa irraa daawwaannaaf gara Itoophiyaa dhufan.Akka tursitoonni kunneen jedhanitti holallii miidiyaalee alaa odeessaan tasa dhagaa miti.

Haalli jiru akka isaan jedhan osoo hin taanee rakkoon asitti nu mudate hin jiru jechuun turistoonni Oomoo kibbaa daawwachaa turan himaniiru.

Turistoota Oomoo Kibbaa daawwachuu dhufan keessaa Obbo Gunsaaloo Saantamaariyaa Pulee Ispeen Maadiriiditti 'Fotoo tiraaviil' dhaabbata jedhamutti daarektara.

Akka TOI tti himaniitti osoo gara Itoophiyaa hin dhufiin dura oduun waa'ee Miidiyaalee biyyoota lixaa irraa dhaga'aa ture sodaachisaa ture.

Kannarra kan ka'eenis Imbaasiwwaan akkan gara Itoophiyaa hin dhufne dhorkaa turanis, erga gara Itoophiyaa dhufaanii haalli jiru akka isaan jedhan osoo hin taanee biyyitti nagaa waaraa akka qabdu arguu isaanii himaniiru.

Turistiin biroon Ispeen irraa dhufan Viiseentiyaa Paarsiiyoo akka himanitti mootummaan biyya isaanii gara Itoophiyaatti akka hin imaallee akeekkachiisa taasisaa ture.

Ta'us garuu dhaabbanni daawwachiisaan haala qabatamaa jiru sirritti waan isaan hubachiiseef gara Itoophiyaa dhufuu isaanii himaniiru.Erga Itoophiyaa dhufnees rakkoon nu mudatee tokko illee hin jiru.

Keessayyu oduun sobaa miidiyalee adda addaan tamsaafamuu tasa haala biyyi keessa jiru kan ibsu miti jedhaniiru.

Tursoonni kuneen akka himanitti osoo gara Itoophiyaa hin dhufiin dura maagaalaa gudditti biyyatti dabalatee waraanni akka jiru dhaga'aa turani.

Gara kaaba biyyatti bakka lolli jiru irraa kan hafe haga ammaatti bakka daawwataan hundaatti nageenyaa waaratu jira jedhaniiru.

Dhaabbata daawwachiisaa Xaayituu tur enda Tiraavilitti daawwachiisa kan ta'an obbo Obbo Wandoosaan Taaddasee akka jedhaniitti oduu sobaa miidiyaalee biyyoota lixaa hojjechaa jiraniin lammileen biyya alaa waa'ee Itoophiyaa haala qabatama jiru akka hin hubanne taasiseera.

Ta'us garuu hojii dippilomaasii hojjetamaa jiruun shirri hojjetamee fashala'uu himaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015