''Baandaa diina waliin ta'ee biyya keenyaa diiguuf yaalaa jiru garee shororkeessaa ABUT ni balaaleffanna.''

79

Sadaasa 26/2014(TOI)- Garee shororkeessaa ABUT biyyaa diiguuf humnoota alaa waliin socho'aa jiru akka balaaleffatan dhalatoonni Tigiraay Finfinnee jiraatan hiriira bahuun agarsiisan.

Dhalatoonni Tigraay Magaalaa Finfinnee jiraatan garee shororkeessaa ABUT balaaleefachuun magaalaa Finfinnee Istaadeemii Abbabaa Biqilaatti hiriira gaggeessa jiru.

Hiriira kana irrattis dhaadannoo gara garaa garee shororkeessa ABUT balaaleeffatufi Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaru dhageessisaa jiru.

''Uummanni Tigiraay namoota muraasa aangoo barbaadaniif jecha dhumuu hin qabu. Uummata naannicha ukkaamsaa keessa jiru mootummaa ukkaamsa kana keessaa baasuu akka qabu hiriirtonni kunneen gaafataniiru.

Uummanni ABUT dura ture. Uummanni Tigiraay Biyya ijaaruu malee seenaa biyya diiguu hin qabu. Garee shororkeessaa ABUT biyya diiguuf yaala jiru ni balaaleffanna jedhaniiru.

Naannoo kee eegi!
Gara adda waraanaatti duuli!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015