Manneen barnootaa torban tokkoof cufaa kan ta'aniif Baratoonni Oomisha maatii fi kanneen adda waraanaatti duulanii akka walitti qabaniifi.

46

Sadaasa, 25/2014 (TOI) Tajaajilli Kominikeeshiinii Mootummaa, Dhaabbileen Miidiyaa tokko tokko Mootummaan barnoota kan torban tokkoof akka dhaabbatu taasiseef baratoota waraanaaf fayyadamuuf jedhanii dubbiin afarsaan sobaati jedhe.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gaggeeffamaa jiru ilaalchisee adeemsi hawaasni idil addunyaa akkaataa dogoggoraan akka hubatuuf taasifamu sirrii kan hin taaneefi dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo deeggarsa namummaa mootummaan naannoo Tigiraayiif xiyyaaraanis ta’e lafarraa taasisu cinaatti dhiisuun deeggarsi akka waan taasifamaa hin jirreetti gabaasuun agarsiistuudha jedhan.

Faallaa kanaa miidiyaaleen idil addunyaa gocha garee shororkeessaan TPLF naannolee Amaaraafi Affaaritti raawwate gabaasaa kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

CNN dabalatee gabaasni miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko “ Humara Maaskir” jechuun akka waan dhalattoota Tigiraayirratti duguuggaan sanyii raawwateetti gabaasan soba ta’uu ibsaniiru.

Ministeerri barnootaa barattoonni omisha duultota adda waraanaa akka walitti qabaniifi tajaajila tola ooltummaarratti akka hirmaataniif yeroo muraasaaf mana barnootaa cufuu saa miidiyaan BBC “mootummaan barattoota waraanaaf itti fayyadamuuf barnoota addaan kute” jechuun gabaasa sobaa hawaasa idil addunyaaf gabaasuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015